WAATAA

                 TEEKNOOLOOJII WAATAA 

Unka galmee barnoota Teeknooloojii "Full Stack Website Development-MERN STACK" fi kanneen biroo barsiisuuf qophaa'e. 

Hubachiisa: Galmeen kun guyyaa 21/09/2024 hanga 21/10/2024tti (ji'a tokko qofaaf tura)
       
Akkuma galmeen kun xumurameen torban tokko booda barnooticha ni eegalla.

Teeknooloojiin WAATAA haala addunyaan kenya gama teeknooloojiitiin keessa jirtu giddu galeessa godhachuudhaan ummanni keenya yericha waliin tarkaanfachuu akka danda’uuf gama hundumaan hubannoo gama teeknooloojii irratti akka qabaatuuf daandii argate maratti fayyadamuudhaan dadammaqinsa (awareness) guddaa gochuun irratti argama. 
Sagantaa barnoota teeknooloojii kanaa i murteessaa ta'ee waan argameef qaamaam magaalaa Naqamteettii fi karaa "ONLINE" ammoo biyya maratti hawaasa keenyaaf akka tolutti barnoota sooftiweerii "Full Stack Website Development-MERN STACK" jedhamu Afaan Oromootiin kennaa jirra

Barnootichis ji’oota saddeetiif kan kennamuu fi dhumarratti waraqaa ragaa (certificate of completion) kan qabuudha. Ulaagaa kamiinuu barnooticha barachuuf kan nama daangessu akka hin jirree fi yaadama "addunyaa industirii irraa gara addunyaa diijitaalawaatti" hawaasa keenya ceesisuuf akka riqichaatti qophaa'e waan ta'eef:-
  • Gaggeessitoota dhaabbilee mootummaa, miti mootummaa, amantaa fi k.k.f
  • Barsiisota
  •  Barattoota kutaa 5ffaa hanga 8ffaa
  • Barattoota 9ffaa hanga 12ffaa
  • Barattota kutaa 12ffaa qoramuun hin milkaa'iin hafan
  • Barattoota kutaa 12ffaa qoramuuf adeeman
  • Barattoota Yuunibarsiitii fi Kolleejjii
  • Eebbifamtoota hojii hin argatiin jiran
  • Hojjetoota mootummaa fi miti mootummaa
  • Daldaltoota
  • Abbootii qabeenyaa 
  • Maatii Ijoollee ni hammata.
Faayidaa Barnootichaa: 
 
A. Carraan hojii argachuu baay'ee guddaadha(globally)
B. Biizinasii/daldala keenya haala addunyaa waliin adeemsisuu danda'uu
C. Sooftiweeriiwwan garaa garaa hojjechuun madda galii maddisiisuu 
D. Gabaa interneetiii(E-Commerce) hundeessuu 
E. Interprenership(Entrepreneurship)
F. Guddina Dinagdee(Economic Growth)
G. Hojii guyyaa ni dabala(Increased Wages) fi k.k.f 

"GALMAA'AA, CARRAA GAARII KANATTIS FAYYADAMAA!"


"BIYYI TEEKNOOLOJII QABDU BAANKIIS, TAANKIIS QABDI!"

                          WAATAA | | HUMNA MUL'ATAA!

Made with formfacade